text
stringlengths
0
196k
keenya sirreeffachuuf kan nu tajaajilu ta'u iyyuu, gama biraatiin immoo
ilaalcha haala-dubbisuu nu barbaachisa. Ilaalchi haala-dubbisuu sarara
yaada uummachuun cinaatti haala wantootni keessa jiran irraa ka'uun
ilaalcha imala karoorfachuu dha. Rakkoo wal-xaxaa keessa dhidhimnee
jirruuf fala kan nuu ta'u, ilaalcha si'aawaa kana dha. Yaada uummachuun
nama dhiilbessa daagataa nama godha. Ilaalcha salphistummaajireenya
gara sarara tokkootti sassaabee ilaalu dha. Ilaalchi haala-dubbisuu
imaala keenya sakatta'aa sirreessuuf nu tajaajilu nu barbaachisa.
Ogummaa Tuffachuu
Nuti lammileen Itiyoophiyaa haalli hojii fi ogummaa itti ilaallu wal
faallessuun kan guutame dha. Maddi hiyyummaa keenyaa, teeknikaan
gad-aanuu keenyaa fi oomishtummaan quucaruu keenyaa ilaalcha wal
faallessaa ogummaa fi hojii irratti qabnu dha.
Mammaaksota waa'ee gaarummaa hojii irratti mammaakaman mara
tarreessinu iyyuu, yommuu qabatamaan gara ogummaatti dhufnu kan
kabajnu irra kan tuffannutu caala. Seenaa Itiyoophiyaa bara dheeraa
keessattii namoota hojjetaniif bakki kennamu kabaja irra tuffiin kan
guutame dha. Ogeessa-harkaan tumtuu, kan qoricha qopheessuun
martuu jechuunii fi ogeessota biraatiifis maqaawwan hamileesaanii
tuqan itti moggaasaa hojii fi ogummaan akka jibbaman taasisaa turre.
Seenaa keenya keessatti ilaalchi nuti ogummaaf qabnu hoji hojjataa
caalsisuu, ogummaa ogeessaa gadi taasisuu fi rakkoo bu'aa adeemsa
irraa adda baasanii ilaaluu dha. Ogeessa tuffatanii bu'aa harka isaa
fudhachuun, hojjataa tuffatanii bu'aa hojii isaa jajuun akka hawaasaatti
adeemsi fooyya'uu keenya akka gufatu hudhaa taasise dha. Ogeessi
tokko wanti inni hojjete masaraa mootummaatii haga dhaabbilee
amantaatti, hawaasa idilee irraa haga maatiitti ittiin faayamu, itti dhugu,
itti nyaatu, irra rafu, ittiin sirbama, ittiin qaddafama, ittiinis qotama.
Ogeessichi garuu maqaan qaanii moggaafameefi tuffatama. Hawaasa
biraa waliin akka gaa'ila hin godhanne taasifama. Mandarri isaa qofaa
akka ta'u taasifamee loogiin irratti raawwatama. Adeemsa kana keessas,
ogeessotni ogummaa isaanii iccitii taasisuun ollaa isaaniif haa hafuu
ijoollee isaanii illee otoo hin barsiisin ogummaa isaanii waliin akka
awwaalaman taasifameera. Kanaafuu, akka hawaasaatti ida'amuu
keessaa eebba argamu akka hin arganne nu taasiseera.
Ogeessa tuffatanii bu'aa ogummaa isaa barbaaduun adeemsa industrii
biyyittii ajjeeseera. Aksumii fi Laallibalaan akkasumatti hin ijaaramne.
Ogummaa harkaa baay'ee cimaa ta'e dur akka qabnuu agarsiisa. Garuu,
siidaawwanii fi gamoowwan yommuu arginu, hambaawwan keenya durii
yommuu ilaallu ogummaa fi beekumsa hojii mukaa, sibiila, warqee,
dhagaa fi albuudota biraa baasuu fi itti fayyadamuu akka qabnuu kan
mul'isu dha. Kun hundi har'a eessa dhaqaniree?
Aadaan keenya badaa hojaticha gatanii, hojii isaa rarraafatanii deemuu,
harka duudhaalee artii sana boceef galata kennuu irra altokko
"ergamoota Waaqaatu boce" yeroo kanimmoo "namoota biyya alaatu
hojjete" yommuu jennu mul'achuun kan barame dha.
Ogummaa fi ogeessaaf bakki kenninu gadi aanaa ta'uu isaa qofa otoo
hin taane saalfachiisaa waan ta'eef ogeessi beekumsaa fi ogummaa isaa
hin fooyyessine. Awurooppaa fi biyyoota baha fagootti ogummaawwan
harkaa durii gara industirii mana keessaatti, adeemsa keessa
keessammoo gara industirii guguddootti guddataniiru. Biyya keenya
keessatti kana dhugoomsuu akka hin dandeenye kan nu taasise ilaalcha
ogummaa fi ogeessaaf qabnu dha.
Waggoota kumaa oliif qonni keenya qotiyyoo waliin gar gar ba'uu hin
dandeenye. Ce'umsi bu'aa gaarii agarsiisu kan mul'atu irra caalaa qonna
irratti waan ta'eef, kun murteessaa ture. Baaburri bishaaniin hojjetu gara
biyya keenya erga galee waggoota dhibba shan dabarsu iyyuu har'as
harkaan daakaa jirra. Erga kophee tolchuu eegallee waggoota kuma
lamaa ol dabarsinu iyyuu har'as luka duwwaa deemuu hin dhiisne.
Dhagaa bocuun gamoo erga hojjeennee waggoota kuma lamaa ol
lakkoofsisnu illee, har'a rakkoo mana jireenyaa keenya hiikuu hin
dandeenye. Gaarii yookiin saragallaa harbaan harkifamu erga tolchinee
waggooti kumaa ol haa lakkaa'aman malee, konkolaataa hojjechuu hin
dandeenye.
Ogeessota tuffachuun hawaasa boodatti hafaa biratti dhiibbaa inni
geessisu ol-aanaa dha. Ogeessi yommuu tuffatamu, innis yommuu
ogummaa isaa dhiisu, kabajaan guddachuu fi ce'uu dadhaba. Qotiyyoon
qotuu irraa gara tiraaktaraan qottutti yommuu ce'uu qabu, har'a wanti
biraa hafee nama maarashaa tolchuuf argachuufuu kiiloomeetira
hedduu deemuu nama gaafata. Hawaasni kamiyyuu ogummaa
tuffatamu fudhatee itti fufuu hin barbaadu. Kunis oolee bulee ce'umsa
teekinooloojii quucarseera.
Ilaalchii fi gochi boodatti hafaa kun yeroo ammaa kana imaammataan
kan hin deeggaramnee fi hawaasni hedduus kan hin deeggarre ta'ullee,
akka barmaatii hawaasaa kamittuu al-tokkoon jijjiiruun hin yaadamu.
Ammas ta'u namoota intarpiraayizii maaykiroo fi xixiqqaan ikaaramanii
hojjetan qeequun, warra dhagaa koobilii hafan tuffachuu fi daldalaan
hundi akka nama saamuutti faarri fudhachuu hawaasicha biratti
baay'inaan mul'ata.
Yaada ida'amuutiin milkaa'innii fi guddinni biyyaa qindaa'inaa fi
guddina safisaa oggummootaan ala ta'uu hin danda'u. Qaroominaa fi
bu'aa barbaadnu kan arginu yoo ogeessi ogummaasaa waliin,
ogummaan inni tokko ogummaa biraa waliin akkasumas bu'aan
ogummaa itti fayyadamtoota bu'aa ogummaa sanaa waliin walitti
ida'amanii fi qindaa'ani dha. Ogummaa salphisuu keessa of-salphisuu fi
biyya salphisuutu jira. Kan ida'amnu hojii keenyaa fi kennaa addaa
qabnuun hojjennee bu'aa addaa hawaasa keenyaaf yeroo buusnu dha.
Dhibaa'ummaa, Qoostummaa fi Fakkeessitummaa
Yaada jijjiiramaa adeemsi ittiin simannu gufuuwwan armaan olii sadan
keessaa gufuu tokko kan qabate dha. Inni jalqabaa dhibaa'ummaa
yommuu ta'u, kunis yaada jijjiiramaa kamiyyuu fudhachuu dhiisuuf
sababa tarreessuu fi yaada jijjiiramaa liqimsuu dadhabuu dha. Inni
lammaffaa immoo qoostummaa yommuu ta'u, kunis yaadata jijjiiramaa
guguddoo hunda qoosaa fi oduuf oolchuun, dubbii ijoo isaa irra
qoosaan isaa akka bay'atu gochuu dha. Wantoota ija qaraan ilaalanii