text
stringlengths
0
196k
gabatee yeroo keessaa tokko qofa irratti maxxanee jiraatu gara
dhugaatti hin dhiyaatu.
Waa'ee hojilee jabduu kaleessaa qofa odeessaa oolaa buluun har'aa fi
borii akka hin hubanne nu taasisa. Haaluma wal-fakkaatuun waa'ee
kaleessaa kaasuun boo'aa bara keenya yoo fixne gidiraa har'aa fi borii
dura akka hin dhaabbanneef kaleessa keessatti akka liqimfamnee hafnu
nu taasisa. Kaleessi dadhabbina isaa irraa barumsa nuuf kennu,
jabinasaarra kabajaaf onnee nu dhaalchisu qabannee har'aa fi borii
wajjiin walitti qabsiisnee itti fayyadamuu baannaan qilee nu buusa.
Yeroo mara ilaalcha keenya waan kaleessa irraa waraabuuf yaaluunii fi
har'a keenya gara kaleessaatti harkisuun umurii ofii wallaaluu dha.
Umurii gabaabduu keenya kanarraa kaleessa qofa alala guuraa jiraachuu
yoo yaalle, umurii nuuf kenname kana maalsaa jiraanne? Kaleessarraa
barachuu malee kaleessa jijjiiruun hin danda'amu. Furmaanni waan
kaleessa ittiin jijjiirru har'a sirreessinee hojjechuu dha.
Gama biraatiin, har'a qofarratti kan xiyyeefatee fi faarri wanta hundumaa
kishaafee har'aan qofa ilaaluun hedduu keenya biratti ni mul'ata.
Dadhabina keenya har'aa irratti qofa xiyyeeffachuun hojiin kuufame
akka nurra jiru dagachuu dha. Hojiin kaleessa otoo hojjechuu qabnuu
hin hojjetamin hafee kuufamaa har'a ga'e nurra jira. Rakkoo har'aa kan
hiiknu hojiiwwan kuufaman saffisaan of-irraa salphisuun kanneen biroo
faana karaa gabaabaa dorgomtoota ta'uu fi tooftaa dhiibbaa wal
fakkaataa qabu yoo hordofne dha.
Namni dhiibbaa kaleessaa jala jira. Maddi amala keenyaa, enyummaa
keenyaa fi namummaa keenyaa duuba keenya dha. Bulchiinsi keenya,
sirni keenyaa fi hojimaatni keenya kaleessarraa wanta harkifamu qabu.
Kaleessa seca'anii beekuun dhiibbaawwan kana addaan baafachuun, isa
gaarii fudhachuu fi haramaa isaa buqqisuuf nu gargaara.
Biyya keenya keessatti kennaa seenaa itti boonnu, har'aaf barannee itti
fayyadamuu, warra biraa doow'achiisuun bu'aa irraa argachuu
dandeenyu qabna. Beekumsa baroota dheeraaf gabbate, aadaa
bareedaa, haala jireenya uumama waliin wal-simate, hariiroo waloo,
diddaa garbummaa fi bilisummaaf wareegamuu, biyya jaalachuu fi
jireenya naamusa qabuu jiraachuun kan kaleessarraa fudhanu dha.
Faallaa kanaan immoo, wantooni kaleessa irraa sirreessuu qabnu kan
akka dhimmoota hojimaataa, barmaatilee, haala seenessuu, itti
fayyadamaa maqaa fi jechootaa dha. Jechamoonni akka "wanti hundi
dur hafe" jedhanii ilaalcha wanti har'a hojjetamu dhandhama hin qabu
jedhu uumuu keenyaaf ragaa dha.
Dimookiraasii hin dagaagne, hanqina babal'ina odeeffannoo gama
barumsaa fi miidiyaa, hanqina dhaabbilee keessatti ogummaaf bitamuu,
sadarkaan, hubannaa lammilee kan hin gabbanne ta'uusaa, ilaalcha
jal'ataa aanga'otni aangoof angoof qaban, laafina dhaabbilee siyaasaa
fi hayyotaa, hirmaannaa gad-aanaa dhaabbilee siviilii, babal'achuu
dhabuu industirii fi magaalotaa fi kkf kuufama liqii hojii guddaa
dhaloota kanarraa eegani dha. Adeemsa biyya badhaadhinni,
dimookraasiin, nagaan, tokkummaa fi haqi keessatti mirkanaa'e ijaaruu
keessatti kanneen armaan olii hunda haxaa'uu fi qulqulleessuun
dhimma tokkoffaa dha. Haala kana dagachuun jabinaa fi laafina
wantoota har'a irraa qofa kan maddu taasisanii yaaduunii fi injifannoos
haa ta'u gufuuwwan nama quunnaman bu'aa har'aa qofa taasisanii
faarri ilaaluu namoota hedduu biratti mul'ata.
Fakkeenyaaf, hiyyummaan keenya otoo hin haqamin kan hafeef
dadhabbina har'a qabnuun qofa otoo hin ta'in, kaleessota badan
hedduu waan qabnuufi. Wantotni gama ilaalchaa fi aadaan, hojimaataa
fi bulchiinsaan hiyyummaaf haala mijaawaa uuman otoo hin qullaa'in
bubbulaniiru. Gama biraatiin milkaa'ini gama diploomaasiin qabnu
jabina keenya har'aa irraa qofa kan maddan otoo hin taane
diploomaasii kaleessa kuufanne qabaachuu keenya ni dabalata.
Kanaafuu, wanta hundumaa har'a faana wal-qabsiisuunii fi milkaa'inas
haa ta'u rakkoolee bu'aa har'aa qofa taasisanii yaaduun dhugaatti nu
hin siqsu. Ilaalcha haala qilleensa guyyaa irratti qofa hirkachuu kana
guyyummaa jennaani. Ilaalchi keenya haala yeroo irraa qofa kan
waraabamu yoo ta'e guyyummaaf saaxilamaa jiraachuu keenya
hubachuu qabna. Har'i madaallii kaleessaa fi borii kan eegsisu ta'uu
baannaan qofaasaa ni jal'ata.
Biyya keenyatti ilaalchi dhiibbaa guddaa hin qabne bori dha. Barmaatiin
keenya waa'ee borii yaaduu badaa miti. Ilaalchi keenya boriif bocamu
ilaalchota biro waliin haala wal-madaalaa fi qixa ta'een gabbachuu qaba.
Haa ta'u malee bor irratti hordamuunis rakkoo mataa isaa qaba. Jireenya
kishaafaa boriin qofa ilaaluu yaaluun gama tokkoon abjuu hin
qabatamne gama biraatiinimmoo abdii hin dhugoomne dha.
Abdiin barbaachisaa dha. Jireenya kishaafaa abdiin qofa ilaaluun garuu
umurii ofiin taphachuu dha. Abdiin dhugaa har'aa fi amantii kaleessaa
waliin kan wal hin dubbifnee fi kan wal hin simanne taanaan akka
qumaara hamaa lubbuu ofii qabachiisanii taphachuuti. Ijoollee keenya
gabatee midhaanii fi barumsaa irraa fagaatan, abdii qofa sooruunii hin
dandeenyu. Dhimmoota hedduu hirriba nu dhowwan abdii irratti qofa
maxxanuun bira hin dabarre hedduu qabna.
Gama biraatiin, "abdiin hin dhugoomne" dhibee hamaa hunda caalu
dha. Abdiin hin dhugoomne faara yerootti maxxanuu hunda caala
hamaa dha. Oollummaa du'aati. Kishaafaa abdii humna keenya har'aa
jabeessu, kaleessarraa galaa onnee fudhatutu nu barbaachisa. Kaleessa
fi har'a walitti fo'uun yommuu gagaa abjuu keenya keessa yoo cuupne
dha abdiin keenya dungoo ta'ee dukkana kan nu ceesisu.
Ilaalchi yeroo irratti qabnu baqqaanaa yeroo tokko keessatti kan
maxxane akka hin taanee fi maxxana yeroo tokkotti kan rigatu akka hin
taane kishaafaa ofii haxaa'uun barbaachisaa dha. Hoj-manee tuullaa fi
'kaappitaala ka'umsaa' kaleessaa, jabinaa fi laafina har'aa waliin
akkasumas abdii fi sodaa borii haala wal-dubbisuun ilaaluu baannaan,
yerootti maxxanuun gatii nu kaffalchiisa.Yerootti hirkachuun gufuu
guddaa kan inni ta'uuf faallaa human yookiin kaappitaala kuufachuu
waan ta'eefi.
Salphistummaa
Rakkoon ilaalchaa inni fakkii waliigalaa guddicha yookiin rakkoolee
gaaddiddeesse salphistummaa dha. Salphistummaan wantoota kutaa
qaama isaa fi akka waliigalaatti wal-xaxummaasaanii waliin hubachuuf