text
stringlengths
0
196k
akka hin sakaalleefi dha. Dhalli namaa wantoota salphaadhumatti
hubachuuf wantoota fiixee faallaa lamatti qoodee ilaala. Gurraachaa fi
adii, gara-jabeessaa fi gara-laafessa, cimaa fi dadhabaa, diinaa fi fira,
gabaabaa fi dheeraa jechuun wantoota ija dunuunffachuun maqaa
moggaaseefi socho'a.
Hubachuudhaaf akka nutti toluuf wantoota garee faallaa lamatti malli
qooduu kun adeemsa yeroo keessa ilaalcha keenya sakaaluun, barmaatii
madaallii keenyaa ajjeeseera. Barmaatiin madaallii ilaalcha garee hin
qoodne dha. Dheerinni kan safaramu "meetira meeqa?" madaallii
jedhuuni malee madaallii bicuu qoodamaa gabaabaa yookiin dheeraa
jedhuun miti. Gara dhugaatti kan nu dhiheessus ilaalcha kana. Kana
ta'uu baannaan furmaanni keenya marti safara miila keenyaa otoo hin
barii n miilli koo xiqqoo dha yookiin guddaa dha jechuun akka kophee
bitachuuti. Gurraacha moo adii dha jechuu irra sadarkaa gurraachina
isaa madaaluu, hamaa dha moo gaarii dha jechuu irra, hanga hammenya
isaa madaaluun dhugaatti nu dhiyeessa.
Wantoota garaa gara kan taasisu qabiyyee isaanii fi hanga isaaniiti
malee wal-faallessuu bu'uuraa uumamaan qaban miti.
hammeenyummaan taappeellaa ol-fuunee kanaaf yookaan sanaaf
kenninu miti. Hundi keenya hammina qabna. Hanga hammeenyaatu
gargari malee, namni hamaa jedhamu hinjiru. Gama hundaanuu ilaalchi
keenya madaallii irratti yoo bu'uureffate wantoota jijjiiruuf hagas nutti
hin ulfaatu.
Ramaddii garee madaallii irratti hin hundoofneen wantoota jijjiiruu hin
dandeenyu. Sababni isaas namicha diina jennee gareen adda baafanne
sana firoomfachuu waan hin dandeenyeefi. Kanaafuu, maddi ilaalcha
jijjiiramaa wantoota bifa garee hin qabneen ilaaluu dha. Ilaalchi garee
hin qabne afaan namni dubbatu wajjiin ciminaan kan walitti hidhate
waan ta'eef akka salphaatti kan dhabamsiifamu miti. Adeemsa yeroo
keessa jechoota ramaddii gareerraa maddan balleessaa jechoota
madaallii garee hin qoodneen hanga bakka buusnutti wantoota
hubachuuf jechoota kanatti itti fayyadamuu dandeenya.
Dhalli namaa yaada "guyyaa fi halkan" jedhurraa bilisoomee yeroo
sa'aatiin lakkaa'uu akka danda'etti adeemsa yeroo keessas dandeettiin
ilaalchota hundumaa madaalliin ilaaluu dabalaa dhufuun isaa waan hin
oolle dha. Amma gaaffilee bari'eera moo hin bariine jedhurraa gara
qooqa sa'aatiin meeqa ta'eera jedhutti akkuma ce'e hunda, adeemsa
keessa moggaasota gareerratti hundaa'an fooyyeessaa dhufna.
Fooyya'iinsa jechoota irratti taasifnu, yoo xiqqaate jechoota ramaddii
gareewwanii siyaasa keenya booressaa turanii balleessuun jalqabuu
dandeenya.
Baroota darban keessa, keessumaa sochiiwwan barattootaa bara
1960'ootaan booda jechootni siyaasaa waltajjii to'atan garee wayii
mataa gadi qabachiisuu irratti kan xiyyeeffatani dha. Of-tuulummaa,
dhiphummaa, farra nagaa, farra uummataa, fakkeessituu fi jechoonni
kana fakkaatan marii dimookiraasiif mijataa kan hin taane, walitti
dhihaachuu otoo hin ta'iin wal-irraa fagaachuu kan fidani dha. Jechi akka
ajjeesus, akka fayyisus hubannee ejjannoo kanaan jechoota gareen
qoodanii ibsan, jechoota wal-dhabbii ho'isan balleessuu otoo jalqabnee
gaarii dha.
Sirna ilaalcha wal-qooduu garee irraa bilisa ta'e diriirsuuf wanti biraa nu
barbaachisu aadaa marii fi mormii keenya gidduutti madaallii eeguu
danda'uu dha. Mormiin biyya tokko keessatti yaadni haaraa akka
maddisiifamuu fi filannoon yaadaa akka bal'atuuf gahee guddaa
taphata. Adeemsa mormii keessatti namootni yaadni isaanii fudhatama
akka argatuuf ragaawwan funaananii fi carraaqii isaan taasisan keessa
qormaanni jiru wanta haaraa uumuun isaa kan hin oolle dha.
Sirni dimookiraasii paartii-danummaa biyyoota hedduu keessatti;
keessumaa, addunyaa Dhihaa keessatti aadaa wal-mormuu irratti kan
hundaa'e dha. Adeemsi isaas yaadata haaraa maddisiisuu fi madaallii
yaadaa eeguuf shoora guddaa taphata. "Aadaan Sooqiraaxisaawaa"
addunyaa Dhihaa muuxannoo wal-mormii kanarratti kan ijaarame
jedhamee amanama.
Haa ta'u malee, mormiin daandii qaroomaa yoo hordofuu baate
furmaata fiduurra wantoonni inni balleessu ni jiraatu. Keessumaa
biyyoota akka Itoophiyaa aadaan dimookiraasii isaanii hin guddanee fi
wal-faallessuun yookiin wal-qoccoluun hin tasgabboofnetti, yaada
waliigalaa akka biyyaatti qabaachuu fi dimookiraasiin luka isaatiin
dhaabatee akka deemu taasisuuf mariin carraa waliigaluu uuma.
Dandeettiin mariin wal-mormuu keenyaa dadhabaa ta'uun isaa fi
muuxannoon yaada haaraa maddisiisuu keenyaa hagana kan guddate
waan hin taaneef mormiin keenya yaada maddisiisuurra gara xiiqii fi
dallansuutti kan nu oofu ta'eera. Kunis gamaa fi gamanummaa keenya
ittuu jabeessuun gara qileetti nu oofaa jira.
Kanaafuu, marii irratti xiyyeeffachuudhaan hojjechuun barbaachisaa
dha. "Aadaan Konfiishiyesii" addunyaa Bahaa aadaa marii irratti kan
ijaarame jedhameetu amanama. Haa ta'u malee, mariin hanga fedhe
rakkoo hiikuuf daandii gaarii ta'uyyuu, yaadata haaraa mormii keessaa
maddan argachuuf hin fayyadu.
Kanaafuu, ilaalcha garee hin foone karaa bu'a-qabeessa ta'een ijaaruuf
haasaa mormii fi morkiin jabaatee fi laafee fo'ametu nu barbaachisa.
Kunis yaadni yaada keenya irra fooyya'aa ta'e jiraachuu akka danda'u
hubachuun, bakka banaa yaada kanaaf ta'u akka hambisnu nu taasisa.
Ilaalchi qabanne sirrii dha jennee yaadata biraatti akka balbala keenya
hin cufne taasisa.
Yerootti Maxxannuu
Ilaalchi biraa gufuu ida'amuu ta'e "yerootti maxxanuu" dha. Yerootti
maxxanuun faara kalleessaa, har'aa yookiin boruu qofarratti
xiyyeefachuu dha. Ilaalcha keenya yeroof qabnu keessatti sadan isaanii
keessaa isa tokko qofa filachuun yaadni keenya yeroo hundumaa yeroo
sana irratti qofa kan maxxanu taanaan gara dhugaa jirutti dhihaachuuf
ni rakkanna. Yerootti maxxanuun akka mata duree isaatti haalli itti
gargar ta'u ni jira. Qixuma sanaan, ajandaan sun waan fedhe haa ta'uu
yeroo filatee kan suuqamu dha.
Namoonni tokko tokko haasaa fi yaadni isaanii kamiyyuu kaleessatti kan
maxxanu dha. Inni biraa immoo wanta hundumaa kishaafee har'aatiin
qofa kan ilaalu dha. Warri kaan immoo waa'ee borii qofa kan dhiphatani
dha. Namni kaleessa, har'aa fi boru walitti qindeessee hin ilaallee fi